Barnootaaf Milkiin akkamitti wajiim deema? Carraan maali?

Namni kami kan jijjiramu wanta barateef namoonni wanta barbaadan kan ijaaraan dandeeti dhoksa kan yaadan isaan kessa jiru fayyadamuun. Magaalaa tokko kessa yeroo damnuu samuu nma kessa deema jirra jechudha sababni isaa gamoon, konkoolaatan wanti harka namaatin hojjatamu kamuu sammuu namatin yaadameet want ta’eef yaadaf sammu nama kessa deema jira jechudha.

wan baratteef hin milkooftu …..akkamitti ilaalama?

Hanga amaati sayiinsi qorataani bira gahuun hin dandda’amne ammas wanta bayyeetu hafaa wan adda ta’ee barbaadu qabna. Humni adda anii itti hin fayyadamne keennan kiyaa kan rabbi naaf keenne ana qofa bira jira daanddeeti keenya kan dhoksan nu kessa jiru baasnee itti fayyadamu qabna humna addati jira. Humna adda kanaa baasne itti fayyadamuuf beeku qabna namni hundii danddeeti adda qabna. Danddeet humna adda kan kee kana adda baste beekuuf koopha kee adda baate idoo namni sii jeequ hin jirreti deemuun of dhaggeefachun kessa keenya dhagahuu qabna.

Yoo kana goone malee humna adda nuu kessa jiru beeku hin danddeenyu yeroo tokko tokko osoo hin beekin humna adda keenya of kessa baasne osoo itti fayyadama jiru namni bira nuu arguun nuuti himu danda’uu. Inni kuun karaa isaa lammaaf humna adda kan nu kessa jiru itti argachuu dandeenyudha humna kanaa kan anmaa fayyaadu gochuun itti fayyadamuu qabna akka buu’a namootaf buusuuti itti fayyadamuun deemun buu’aa garii qaba.

Of baruun rakkoo nuu kessa jiru barbaduun fuurmata isa itti keennu dirqama namooni bayyeen rakko isa furmata itti barbaduu irra baqaachuun of sobu inni kuun siiri miti. Soba yeroo murasaaf gammaduuun ni danda’ama garuu dhabbata isiinif ta’u hin danda’uu gammachuu yeroo murasaa booda gara gaddati gara rakkooti deebi’uun keenya wanta hin oleedha.

Rakko keenya furmta argaachuuf dura kessa keenya amaansiisu qabna iddo kessee keenya hin amanneeti rakoo keenyaaf furmata argachuun nama rakkissaa. Osoo rakkina argameef furmaani argameenyu amanne fudhachuun  bayye nu rakkisa sababni isa dura kessi keenya amaanta wan hin qabneef itti hin amaanu. Rakoo kessan kessati dhiphiinna xinsamuutin walqabatu kessa bahuuf furmata jiru ofi barbaduun baayye murtessadha namnii kamu rakoo kee siif hin rakkatu dhukkubbi kee siif hin dhibammu. Wanta hundaaf itti rakkachun dhubba uumaamef furmaani ni argama jedhee yaadun furmata argaame amaane fudhachuu qaba.

Namooni nannoo keenya jiran wantii isaan jedhan jireenya keenya irrati dhibba qaba?

Namooni nanno keenya jiraan wa’ee jireenya keenya yaada garagara kassu danda’u yaadni issan kessan jireenya keenya irrati akkuma fayyidas qabu midhaa qaba osoo akkana gote wanta akkana hin hojjatin rakkoo akkana kessa bahuuf wanta akkan godhuu qabda?. Walumagalati yaada akkana namooni ni kaassuu yeroo akana nitti yaada keenya ykn amoo feedhii keenya dhisnee yaada, namootatin hojji jireenya keenya kessati dhibba uumu dandda’an hojjachu danddeenya.

Yaada nama fudhachuun garii akkama ta’ee jiru midhas wanta qabuuf dursaa of keennu qabna namooni wanta isaniit fakkate hasaahuu. Feedhee keenya sirriti hubachuun namoota bira wanta rakkisuuf yaada keenya irrati hunda’uun feeshi keenya qofa ir rati xiyyefaachu qabna. Namooni waa’ee keenya kan hasaahan  wanta dhuga itti fakkate irati hunda’uun. Yaada namoota fudhachuun dura yaadni sii gariidha jireenya keenyaf gariidha nu jijjiru ni danda’a wanta jedhamuu dursine itti yaadu qabna.

Atii ofiif of malee homa hin qabdu rakko sii mudateef furmata isa barbaduuf dursiite cinqamuu kan qabdu isama rakoo sana iraati namooni sii wajiin furmata barbadan jiraataniyuu ati addadureen irrati hirmachu qabda. Jireenya jirannu kessati namooni sababa garagaraan seenu danda’u isaan  kunnin jireenya kessati dhibba ykn rakko akka hin uumneef of eeggannon wajjin jirachu qabna. Namoni dhufan hundu amaalaa garagara qabatani dhufu inni tokko tokko wanta garii, namootaf yaadu, sii wajiin wanta garii hojjachu dhufu. Falla kana ammo namonni tokko tokko jireenya keenya nu jala diguu malu rakoof gadaddoo garaga qabatani dhufu yaada jibbinsa of kessa qabu hiriiyoota akkasi of egganoon filschu qabna.

Yeroo tokko tokko dinagdee keenya bayye guddan yeroo kaana amoo jireenyi keenya bayye gara duuba deema manni garii isa yeroo kanan hunda sii wajiin jiratedha. Namni bayyeen yeroo dheeraaf kan isiin wajiin jiratan wanta tokko isiin irra barbadaniiti hanga wanta sana argataniiti wofa kan isiin wajjin turu. Yeroo wanta barbadan sana dhaban yeroo murasa kessati isiin bira deemun jireenya isaani jijjirun namoota bira wajjin waaliiti dhufeenya eegaluu namoota akkana irra of qusachuun baye murtessadha.  

Gammachuu argachuuf wanta dhabbate argannu osoo hin tanee gammachu kessan kan namoota biratiin garagara namni tokkoo yoo da’imaa argadhee gammachu horachu danda’a yoo jedhe isiinis gammachun kessan da’imaa argachu miiti. Gammachun  kessan kan nama biratin wal adda ta’uu danda’a inni kessan nageenya ta’uu mala waluma galaati tasuma gammachuu kessan nama bira hin barbadina kan kessan isiinuma bira jira wanta ta’eef. Namiini baldhinnan waa’ee xiinsammuu irrati hojjatan waa’ee gammachu yeroo ibsan ibsaan haalaa garagaratiin.

Bu’aaba’ii jieenya keenya kessati wantoota nuu mudataanif ittigafatammuuma fudhachun yoo hin hojjannu taa’uu yeroo hunda akka kuufneti. Rakoo umaameef ykn gammachu argameef sababa qama biraaf dabarsiine keniina tanan dhibba qaba. Kana jechuun maaliidha yoo rakkon tokko hojji hojjanu irrati nu qunameef sababa isa nama biraf dabarsiine keniina tanan yeroo hunda rakko kessa bahuu hin danddeenya.

Yoo midha gahee sanaf ittigafatamuumma fudhanna ta’e isa irra bata deemna wanta taeef rakkon irra deebi’ee ni hin muudatu. Yoo kana hin goone yeroo hunda rakkata deemna. Milkaa’ini keenyaf gammachuun keenya walitti hidhata qaba gmmschuun keenya milkaa’in keenya kessa jira. milkaa’ina kan itti madalamuu barnoota baranne ykn amoo hojji garii hojjaneen osoo hin tanee gammachu nutti arganeen ta’u qaba. Wantooni yoo hojjanne nu gammachisan bayyetu jiru isa yeroo hunda wanta yoo hojjanu ni gammachisan irrati xiyyefachuun hojjachun gammachu keenya horachu danddeenya.

Naamni hundi wanta isa  gammachisu ni hojjata tanan carran inni itti mikaa’uu danda’uu bayye olaanadha sababa kanaf jechu jalqabuma irra gammachu kessan wanta isiin gammachisu of kessa barbada kan jedhama tureef. Addunya kana irrati namni milkaa’uu hin barbadne hin jiru haa ta’ee iddoo gammachu isanii itti barbadan kan bira wanta ta’ef jecha kan osoo hin argatiin addunya kana irra luubuun darbaniif.

Maddi gammachuu keeti sama ta’uu qaba yeroo madda gammachu keeeti beekte milkaa’ina kessas beeku danddessa jedhame wanta yaadamuuf. Gammachu kee argachuuf dura feedhii bada kessa bahuu qabda. Osoo feedhi ykn miiraa bayye bada kessa jirtu gammachuu kee argachu hin dandessu inni kuun dogoggora guddadha wanti ta’ama jiru kan dhageeti keetif hin tolle ta’u danda’a kessa keeti maalqaba wanta dhagaha jiru kana abjuu kiyya osoo naf godhe jechu dandassa. Garu dirqama gammachuu kee barbada jirta wanta ta’eef dhuga jiru amantee fedhachuu qabda yeroo isa kesssa baate kan gammachuu kee barbadu ittin dandessuuf

Conclusion

Namoni nannoo keenya jiran akkuma madda gammachuu keenyaf garii ta’e midha tokko tokko jireenya keenya kessatii fiidu danda’a ha ta’uu garu nama wajjin jiranyuu of egannoon filachu qabna. Gammachuu keeenya yeroo kamu nama bira jira jenne eegu osoo hin tanee iddoo gammachun keenya jiru barbaduu qabna. Milkaa’inni keenya gammachu keenya kessa jira wanta hojjanu hunda gammachun hojjana tanan milkaa’uun keenya wanta oluu miti. Oddeffanoo gama milka’inaatin jiran hunda website keenya irra arggatu wanta ta’eef yeroo hunda dawwachu hin dagatiina.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *